Saturday, September 2, 2017

Dhaamsa Obbo Lammaa Magarsaatiif: Suuta eejjatan suuta qoreen nama waraanti

Dhaamsa Obbo Lammaa Magarsaatiif: Suuta eejjatan suuta qoreen nama waraanti
                                       (jawa mohammed irra)
Haasaa Lammaa Magarasaa Abbootii Gadaa waliin Ardaa Jilaatti godhe amman dhaggeeffadhee fixe. Dimshaashatti wanniin hubadhe namtichi ji'oota muraasa dura hamma tokkos ta'u dhugaa Oromoo akkaataa miira saba kanaa hawwatuun dubbachuun dhageettii argate saffisaan gara OPDO duriitti deebi'aa jiraachuu isaati. Kanaafuu, gorsa gabaabaa armaan gadii kanan kennuu barbaada.
- Abbootiin Gadaa abbootii saba kanaati. Kabajaan isaanii pirazidaantii Oromiyaatiin dhiisi nama 'taraa' kamiinuu tuqamuun sirrii miti. Akkaataan Lammaan jaratti dubbataa kan maqaa waajira isaatiifi gulantaa Abbootii gadaa hin madaalle, kan tuffii of keessaa qabu ture. Akkuma warri dhaggeeffattan ragaa baatan Abbootiin Gadaa hundi isaanii ulfina isaaf godhanii akkuma aadaatti kabajaa waajjira pirazidaantiitiif malu dursanii ibsuun gaaffii dhiheessaa turan. Inni garuu deebii isaa keessatti akka jarri kun wal'aaloo ta'anitti itti gadi haasa'aa ture. Akka waan isa malee Abbootiin Gadaa waan Oromiyaafi Oromoon keessa jirtu quba hin qabneetti, akka waan isaan oduu qofaan oofamaniitti dhiheessaa ture. Dhugaan jiru garuu Abbootiin Gadaa kun waan hawaasa keessatti ija isaanitiin arganiifi gurra isaaniitin uummatarraa dhagayan kaasaa turan. Wanti isaan dubbatan tokkos soba miti. Inumaatuu yeroo ammaatti hawaasni keenya qaama mootummaa keessaa nama rakkoo isaanii itti himatan waan dhabaniif iyyata isaanii gara Abbootii Gadaa geessaa jiru. Dhimmuma daangaa kanarratti maanguddoonni Booranaa, Baalee, Harargee Finfinnee dhufanii qondaala isaan dubbisu yeroo dhabanitti kan karaa baneefi rakkoo isaanii dhaggeeffatee abdii kenneef Gumii Abbootii Gadaati. Kanaafuu, Abbootiin Gadaa waan jechaa jiran kana takkaa ijaan argan yookaan immoo arraba uummata isaanii irraa dhaga'an malee akka Lammaan yaadutti miidiyaa irraa hin dhageenye. Akkuma irraa dhageenyu jarri kun waan dubbatanis akka itti dubbatanis ni beekan. Hoogganni siyaasaa tuffachuu dhiisee qalbiin osoo dhaggeeffatee waa hedduu irraa barata. Abbootii Gadaa kana hamilee cabsanii caldhisiisuuf jecha xiqqeessurraa ulfeeffatanii ofitti qabuun Lammaafis ta'ee qondaalota biroof faayidaa guddaa qaba. Yeroo biyyi xaxaa siyaasaa keessa gale uummanni mootummaa hinamanne kanatti Abbootiin Gadaa, qondaalotaafi uummata jidduutti riqicha ta'uu danda'u. Qondaalonni mootummaas ta'ee kan mormituu, hayyonnis ta'ee Qeerroon, Abbootii Gadaa keenyatti yoo dubbatan ulfina sirna kabajamaa kanaan maluun waliin ta'uu qaba. 'Sabbaa abbaan gaafa cabse urmi ija jaamsaa' san irraanfachuu hin qabnu.
- Dubbachuun duratti haqa ( fact) lafarra jiru addaan baafadhu. Wanti ani pirazidasntota Oromiyaa garaagaraa irraa hubadhe waan Oromiyaa keessaa guyyaa guyyaan ta'u takkaa odeeffannoo hin qaban yookaan odeeffannoon dogongoraatu itti kennama. Fakkeenyaa Lammaan walgahii ardaa jilaa kanarrtti Liyyuu Poolisiin ummata Harargee fixaa jirtu soba guyyaadhuma jedhu san magaalaa Mi'eessoo walakkaatti nama lama ajjeefte. Guyyaa itti aanu nama 8 ajjeefte. Tobran san dura araddaalee baadiyaa keessatti nama lama galaafatte. Maarree Lammaan gaaga'ama kana quba hin qabumoo Ardaa Jilaa taa'ee Abbootii Gadaatti sobaa ture? Kanumaan walqabatee araddaalee naannoo Soomalee irraa gara Oromiyaa deebifne jedhee inni dubbates sirrii miti. Araddaaleen inni maqaa dhaye durumaanuu Oromiyaa jalatti bulaa kan turaniidha. Kanaafuu, akka itti gaafatamaa hojii raawwachiiftuu mootummaa Oromiyaatti ( Chief Executive Officer), waan Oromiyaa keessa jiru odeeffannoo qabatamaa ( raw facts) guyya guyyaan argachuun, murtiin dabarsus ta'ee deebiin kennu achirratti hundaa'uu qaba. Hubadhaa, gadaan sobanii dubbii jala dabran erga dabartee bubbultee jirti.
- Ummanni haasayaafi waadaa Lammaa akka gaariitti simatee akka ture waan hin haalamne. Haasaafi waadaa qofaan yeroo dheeraaf uummata bulchuun hin danda'amu. Ummanni keenya amma haasaafi waadaa dhaga'uu osoo hin taanee tarkaanfii qabatamaa qofa arguu barbaada. Dhimma daangaa ni furra ammaa booda Oromoon hin du'u jettan ji'a Eblaa keessa. Dhimmi daangaa ammas hin furamne, Oromoonis guyyuma guyyaan loltuu Abdi Ileetiin ajjeefamaa jira. Dhimma Finfinnee ni furra jettan. Wixinee laaqamaa san dhiheessitanii erga uummanni isin harkatti busheessee booda uummata mari'achiifna jettanii turtan. Achumaan lafa keessanii caldhiftan. Ormi garuu irratti of qopheessaa jira. Paarlaamaan ji'a tokko booda hojiitti deebi'a. Uummataafi hayyoota Oromoo akkasumas Caffee Oromiyaa osoo hin mariisisin labsii Finfinnee guutuutti dabarsee kennu san paarlaamaan yoo dabarse balaa biyya san diigutu uumamuuf deema. Waliigalatti yeroon haasayaafi waadaaf kenname dhumee jira. Yeroofi hireen dalagaan agarsiisuuf qabdanis saffisaan fiigaa jira.

No comments:

Post a Comment