Thursday, September 28, 2017

DHIMMA LAMMIILEE KEENYA ABDII ILEEFI WAYYAANEN BUQQA'ANII QUBACHIISUU ILAALCHISEE

DHIMMA LAMMIILEE KEENYA ABDII ILEEFI
WAYYAANEN BUQQA'ANII QUBACHIISUU
ILAALCHISEE

                                                                                    (jawar Mohammed irra )
Akkuma hundi keenya quba qabnu ilmaan Oromoo Kuma Dhibbaa ( 100,000) ol tahan Abdi Ileefi Wayyaanotaan naanno Soomalee akkasumas Somaliland irraa buqqaafamanii Oromiyaatti galfamanii jiran. Ummata kana simatanii qubachiisuudhaaf Oromoon hundi gamtaadhaan duula guddaa godhaa jiru. Gumaata isaanis hamma danda'an hundaan godhaa jiru. Hanga ammaa gargaarsi miliyoona 150tti shallagamu akka sassaabame gabaafameera. Gargaarsa kana qindeessuufi ummata kanaan qubachiisuuf koreen ol'aantummaan hogganu kan miseensa 10 qabu ijaaramee jira. Obboleeyyan keenya diinni buqqaasee baqachiise kana hamileen simachuu irratti hojiin hanga ammaa hojjatame kan nama boonsuudha. Gara fuulduraas uummata kana qubachiisuuf hojii cimaa gaafata. 
Haaluma kanaan...
1) Koreen uummata kana qubachiisuuf dhaabbatefi Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya ilmaan Oromoo kun itti xaaranii horatan kan naannoon Soomalee irraa ariite deebisiisuuf carraaqqii cimaa gochuu qaba. Qabeenyi hedduun akka saamame ifa. Ta'us qabeenya dhaabbataa akka manaa baqattoonni kun akka gurgurtan haala mijeessuu feesisa. Qabeenya saamameef ammoo mootummaan naannoo Soomalee beenyaa gahaa akka kennu dhiibbaan seeraafi siyaasaa irratti godhamuu qaba;
2) Hamma Uummata kana qubachiisuuf barbaachisu gahuu baatus hanga ammattii maallaqa guddaatu walitti qabame. Gara fuulduraattis akka itti fufu ni abdatama. Rakkoo osoo hin eeggamin mudate kanaaf saffisaan qophiidhaan ala maallaqa walitti qabuun rakkoolee muraasa uumus, akkaataan hanga ammaa maallaqni walitti itti qabame rakkoo guddaa waan qabu hin fakkaatu. Ta'us godinoota muraasatti bulchiinsi magaalalee akkaawuntii mataa isaanii banuun shakkii uumee jira. Kanaafuu Koreen jiddugaleessaan waan kana akka qindeessuuf ijarame haala kana too'atee furmaata hattattamaa itti kennuu qaba. Maallaqa godinootaafi aanaalee irratti walitti qabaman akkaawuntii ifaafi uummatni beekutti saffisaan akka galu godhuu qabu; 
3) Hanga ammaatti hojiin hojjatame baqattoota kana simachuu, hamilee isaanii tiiksuufi balaa biraatiif akka hin saaxilamne dhaqqabuudha. Kanumaafis baqattoonni hedduun gara aanaalee dura gara Soomaaleetti irraa imalaniirti ( gara osoo naannoo Soomalee hin dhaqin keessa jiraataa turaniitti) deebifamanii jiru. Kanneen hafan ammoo bakkoota garagaraatti mooraa waraanaa, manneen barnootaafi gamoolee bulchiinsaa keessatti tajaajilamaa jiru. Kanaafuu bakkoota yeroodhaaf itti dahatan kanatti tajaajilli fayyaa, nyaataa, uffataafi kanneen biroo jabaatee itti fufuu qaba. Bakkoota hedduutti uummanni magaalota isaan keessa qubatanii akka gaaritti baqattoota tajaajiluu kan itti fufe ta'us haqinni qindoominaa mul'ataa jira. Bakka tokko tokkotti ammas gargaarsi gahaan dhaqaa hin jiru. Kanaafuu rakkoo kana furuun baqattoonni bakka yeroof dahatanii jiranitti kunuunsi qaamaafi qalbii gahaan godhamuufi qaba;
4) Dhimmi hundarra guddaa garuu uummata ari'amee eddoo jireenyaa isaanirraa buqqa'ee, baqate gara biyya ofiitti deebi'e kana bifa dhaabbataan qubsiisuun jiruu isaaniitti akka deebi'an dandeessisuudha. 
Kana gochuudhaaf
A. Ragaa guutuu eenyummaa isaanii galmeessanii qabachuun barbaachisadha ( Kana akkuma isaan Oromiyaatti deebi'aniin akka irraa fuudhan abdii qabna). Odeeffannoo akkasii qabaachuun namoonni kun eessaafi hojii akkamii irratti yoo bobba'an bifa tasgabbaa'aafi itti fufiinsa qabuun jiruu isaanii deebisanii ijaarrachuu danda'an jedhu tilmaamuufi karoora baasuuf fayyada. Odeeffannoo bu'araa kanaan dabalata fedhiifi hawwii dhuunfaa isaanii gaafachuun hiree argamuun wal simsiisuun barbaachisaadha;
B. Ummanni kun akka waliigalaattis ta'ee akka dhuunfaatti eessa yoo qubsiifamaniifi hojii akkamiitti yoo bobbaafaman jiruu gaarii jiraatuu danda'u kan jedhu qorannaa gahaa barbaachisa. Yeroo uummanni kun qubachiifamu fayyadamummaa isaaniitin dabalatee dantaa diinagdeefi siyaasaa sabaafi biyyaattiitis hubannaa keessa galchuun barbaachisaa akka ta'e yaadota torban dabre ka'an hedduurraa ifa natti fakkaata. Yaadni irra caalaan magaalota Oromiyaa tarsiimawaa namni keenya lakkoofsaan xiqqaa itti ta'e keessa yoo qubachiifaman gara hedduudhaan faaydaa akka qabu ifaadha. Koreen qindeessituu qaamota mootummaa dhimmi ilaaluu waliin ta'uudhaan qorannaa gaarii gochuun ummata kana osoo yeroon hin dheeranne qubachiisuu eegaluu qaban. Murtii irra gahaniifi karoora uummata kana qubachiisuuf qabaniis yeroo gabaabaa keessatti baqattootaafi ummata gargaarsaan isaan bira dhaabbataa jiruuf ifa godhuu qabu;
Walumaagalatti hojiin hanga ammaatti lammiilee keenya diinaan buqqa'aniu eddoo jireenyaafi hojii isaanii akkasumas qabeenya horatan irraa ari'aman simachuu irratti tumsu gara hundaan godhame kan Oromummaa keenyatti daran akka boonnu nu taasiseedha jechuun ni danda'ama. Tumsi Oromummaa kunis fulduree keenyaaf abdiifi hawwii guddaa ta'e kan horuudha. Abdifi hawwiin keenya kun eddoo isaa osoo hin ga'in akka hin hafneef Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Koreen Qindeessituu Dhimma Kanaa akkasumas hundi keenyaa gahee nurraa eeggamu hundaa bifa duraanii caalaa cimsinee bahuu qabnan jedha.

No comments:

Post a Comment