Sunday, September 10, 2017

OPDOn turtus amma waan ifeef fakkaatt

OPDOn turtus amma waan ifeef fakkaatt ( jawar Mohammed )


OPDOn turtus amma waan ifeef fakkaatti. Lolli Oromiyaa irratti baname kan duriin adda tahuu akka hubatte calaqqisti . Humni Liyyu Poolisii qofa osoo hin loltoonni bitaman Soomaliyaa, Somaliland fi Tigraay irraa akka dhufan ragaa qabatamaan bira gahee jira. Garii ofiifis gabaasuu eegaltee jirti. Humna kana kan nutti bobbaasaa jiru Wayyaanee-Tigree ta'uu afaan baafattee dubbachuu sodaattus warri 'federaala' harkaa qabu akka nutti jiru eeruu eegaltee jirti. Better late than never jennaan. Gara fuulduraatif:
- Dogongora seenaan hin irraanfannee torbanoota dabran keessa hojjattan irra hin deebi'inaa. Kunis Liyyu poolisiin weerara waliigalaa guddaadhaaf akka qophaayaa jiru isinitti himamaa ture. Manguddoon Harargee Bahaa iccitii diinaa irra gahaniifi tarsimoo barbaachisu dhaamsaan himuu waan hin barbaanneef hamma Finfinnee ofii dhufanii torban tokko taa'anii abbaa kanaa namni jedhuun dhabamee abdii kutatanii galan. Manguddoon Booranaafi Baales haaluma kanaan qophii daangaa irratti godhamaa jiru waajjira pirazidantiitiif gabaasaa turan. Mangoddoleen godinootaa kun qondaala mootummaa Oromiyaa isan dhagahu dhabnaan Gumii Abbootii Gadaatti dhaammatan. Abbootiin Gadaas waan dhagayaniifi beekan Lammaa yaamanii yoo itti himan, "soba, lolli homaatuu daangaarraa hin jiru" jedhee itti dheekkamee salphise. Guyyuma san lolli Harargee Lixaan eegale borumtaa Booranaafi Baale bobeessuu eegale. Osoo manguddoofii abbootii gadaa dhaggeeffattanii milishaafi poolisiin daangaa irraa akka qophaayu godhuun danda'ama ture. Silaa gaaga'amni kun hundi nurra hin gahu ture.
- Manguddoo dhagawuu isin didnaan qophii Liiyyu Poolisii saaxiluun ummanni akka of eegu akeekkachiisuun duula miidyaa godhame. Kanas 'warra dubbii daldalutu' odeessa malee lolli homaatuu hin jiru jettan. Inumaatuu warra Lammaa buusuu fedhu olola jedhu as baatan. Osoo ilaalcha dantaa murnaa keessaa baatanii akka mootummaatti of laaltanii 'odeeffannoon xiqqoo hin qabdu' yaada jedhuun sochootu turtan. Jaalattanuu jibbitanuu Qeerroon tarsiimoo odeeffannoo funaanu ( intelligence gathering strategy) keessanirra harka dachaan caaluu akka qabu mirkneessee jira. Isin dabballoota gabaasa sobaa ol erganiifi odeeffannoo dogongorsaa dhaabni basaasaa Wayyaanee isiniif laatu irratti hirkattan. Qeerroon garuu ummata bal'aa bu'ureeffatee odeffannoo guuree, gulaalee, qindeessee, xiinxaleeti kan raabsu.
- Gara fuulduraatif waan ummanni jedhu hin tuffatinaa dhaggeeffadhaa. Amma yeroon oduu dabree jira. Weerara daangaan baname kan ofirraa cabsuuf deeggarsi meeshaaf humna namaa daran dabaluu qaba. Sun garuu gahaa miti. Mootummaa 'federaalaa' isin jettan san irratti dhibbaa geessisuu barbaachisa. Karaa kun ta'uunii qabu keessaa
- Caffeen saffisaan waamamee lola ofirraa ittisuu labsuu qaba
- Guutuu biyyattitti hiriirii mormii mootummaa naannoo Oromiyaatiin yaamamuu qaba
Kana gochuu yoo sodaattan, isiniif hubanna. Akka itti wayyaanee harka kennisiisan Qeerroofi ummanni beeka. Jidduudhaa bayaa!!

No comments:

Post a Comment